Jump to content

Calaqqoo

Wikipedia irraa

Calaqqoon ykn Raadooniin wahiyyoo keemikaalaa gabatee wahiyyoo keessatti argamudha. Innis wahiyyoo 86 gabatee wahiyyoo irratti yoo ta'u iddobu'een isaas Rn dha. Gaasii luujii foolii hin qabnee fi mi’aa hin qabneedha. Innis baay’ee xaanxeeffamaa waan ta’eef baay’ee dafee burkutaa’uu danda’a. Har’a isotooppii Raadoonii 27tu beekama. Isaan keessaa inni tasgabbaa’aan walakkaa jireenya gara guyyoota 3.8 qaba.

Keemistirii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Raadooniin gaazii yoo ta'u qaama garee gaazota luujii jedhamuun beekamuudha . Elementiiwwan biroo wajjin walnyaatinsa waan hin qabneef qulqulluu ta’ee argama. Raadooniin xaanxeeffamaa dha, jechuunis balaqqeessa miidhaa geessisu baasuu danda’a. Namoonni tokko tokko mana isaanii keessatti raadoonii baay’ee kan qaban yoo ta’u, kunis balaa guddaa geessisuu danda’a. Raadooniin baay'een mana durii mana jalaa keessatti qabamuu waan danda'uuf namoonni dhumarratti hafuura baafachuudhaan dhumu. Somba keessatti kan qabamu yoo ta'u kaansarii akka fidu beekamaa ture . Gareen mana keessatti raadoonii balaafamaa akka hin jirre mirkaneessuuf yaalan jiru.

Uumamaan lafa irratti uumamuu danda'a garuu baay'ee xiqqaadha. Elementiiwwan akka Tooriyeemii fi Yuuraaniyeemii akkuma manca'anitti, sun keessaa muraasni gara Raadonitti jijjiirama.

Raadooniin kaansarii sombaa fiduu kan danda'u yoo ta'u, erga tamboo xuuxanii booda kallattiin kaansarii sombaa fiduun sadarkaa lammaffaa irratti argama.

Yeroo tokko tokko yaala raadiyaashiniin itti fayyadama. Haa ta'u malee itti fayyadamuuf balaa guddaa qaba.

Diyaagirama qola elektiroonii raadooniif. Elektiroonota saddeet qola alaa keessa jiran hubadhu .